Finfinnee, Sadaasa 30, 2014 (FBC) – Biiroon Geejjibaa magaalaa Finfinnee tajaajila haaromsa eeyyama konkolaachisummaa federaalaa laachuu eegaluu beeksiise.
Eeyyamni konkolaachisummaa federaalaa kana dura Abbaa Taayitaa Geejjibaa Fedederaalaan laatamaa ture, akkaataa gurmaa’insa dhaabbilee haaraan Onkololeessa 5, 2014 eegalee Ministeerri Geejjibaa fi Loojistikii Biiroo Geejjibaa Magaalaa Finfinneen akka laatamu bakka bu’iinsa laachuun kan yaadatamuudha.
Haaluma kanaan Sadaasa 23, 2014 eegalee Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee eeyyama konkolaachisummaa Federaalaa laachuu kan eegale yoo ta’u, Giddu gala Leenjii Konkolaachisummaa Aqaaqii Qaallittiitti laachuu eegaluu beeksiiseera.
Tajaajilamtoonni iddoo eerametti argamuun tajaajila argachuu kan dadnda’an ta’uu ragaan Tajaajila Geejjibaa fi Loojistiiksiirraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.