Biiroon Geejjibaa magaalaa Finfinnee boruu eegalee sirreeffama taarifaa taasise

Finfinnee, Adoolessa 6, 2014 (FBC) – Biiroon Geejjibaa magaalaa Finfinnee daballii gatii boba’aa tibbana taasiifame bu’uura gochachuun boruu eegalee sirreeffama taarifaa taasiseera.
Biirichi Adoolessaa 7, 2014 eegalee sirreeffama taarifaa haaraa hojiirra oolu ifoomseera.
haaluma kanaan konkolaattoota deddeebisa uumataa xixiqqoo Taaksii jedhamanirratti Saantima 50 hanga Birrii 6tti daballiin taasiifamuu ibseera.
Akka fakkeenyaatti taarifni ka’umsaa Birrii 3 ture daballii kanaan Birrii 3 fi Saantima 50 yoo ta’u,taarifni kana dura Birrii 33 fi saantima 50 ture, daballii ammaan Birrii 39 fi saantima 50 ta’uu himeera.
Konkolaattoota deddeebisa uumaataa Hagar Baasii fi isaan walgitaniirratti Saantima 50 hanga Birrii 3tti daballiin taasiifameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment