Biiroon Fayyaa Oromiyaa vaayrasii koroonaa ittisuuf hojjechaa jiraachuu beeksise

Finfinnee, Bitootessa 7, 2012 (FBC) – Biiroon Fayyaa Oromiyaa vaayrasii koroonaa ittisuuf hojjechaa jiraachuu beeksise.

Biirichi qaamolee miidiyaa naannoo Oromiyaa keessatti hojjetan waliin marii dhimma dhukkuba vaayirasii koronaa irratti taasiseera.

Marii kanarratti ogeessonni miidiyaa argaman akka kaasanitti dhukkuba kana ittisuu fi to’achuuf seektarri fayyaa qaamolee miidiyaa fi koominikeeshinii, abbootii amantaa fi abbootii Gadaa sadarkaan jiran waliin qindoominaan hojjachuun hubannoo hawaasaa cimsuu irratti xiyyeeffachuu akka qaban kaasaniiru.

Itti aanaa hogganaa biirichaa obbo Darajjee Abdannaan dhibee kana ittisuu fi to’achuuf akka seektara fayyaatti sochii guddaan godhamaa jiraachuu ibsuun, hawaasni sochii biirooon taasisu akka deeggaru waamicha dabarsaniiru.

Biiroon Barnootaa Oromiyaatis vaayrasii koroonaa ittisuuf manneen barnootaa naannoo Oromiyaa keessa jiran har’aa eegalee guyyootii 15f cufaa akka turan ibseera.

Barattoota koolleejjii fi yuunvarsiitiif bakkuma jiranitti hojiin tumsaa ni taasifamaaf.

Sadarkaa naannoo Oromiyaatti hojii qindoominaa vaayrasicha ittisuu fi hubannaa hawaasaa cimsuurratti koreen hundaa’ee hojjechaa jiraachuun ni yaadatama.

Yoo shakkamaan mudates bakki tursaa fi yaalii qophaa’uu biirichi beeksisuun ni yaadatama.

Biirichi iddoowwan tursaa 7; Amboo, Adaamaa, Naqamtee, Bishooftuu, Haromaayaa fi Jimmaatti qopheessera.

Namoonni miidhamtoota vaayrasichaatin tuttuqqii qabaniin shakkamanii adda ba’an, 23 tursa galanii hordoffiin taasifamaafii jira.

Sadarkaa naannoo Tigraayittis wiirtuun yaalaa siree 160 qabu magaalaa Maqaleetti qophaa’uun ibsameera.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment