Finfinnee, Mudde 25, 2015(FBC)- Naannoo Oromiyaatti tarkaanfiiwwan hatattamaan fudhatamaniin dhibee busaa ittisuu fi to’achuun tatamsa’ina busaa naannichatti dabalaa dhufe sadarkaa to’achuurra gahuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise.
Hoggannaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktaar Mangistuu Baqqalaa, dhibee busaa ittisuu fi to’achuun tamsa’ina busaa naannichatti dabalaa dhufe sadarkaa to’achuurra gahuu ibsaniiru.
Waggoota lamaa asitti sababa jijjiirama haala qilleensaa fi dagannaa uumameen lakkoofsi namoota dhibee busaan qabamanii daballii agarsiisee akka ture yaadachiisaniiru.
Waggoottan lamaan darban sababa jijjirama haala qilleensaa fi dagannaa uumameen lakkoofsi namoota dhibee busaan qabamanii dabaluu ibsaniiru.
Dhibee busaa guutummaatti to’achuuf qulqullina dhuunfaa fi naannawwaa eeguu, iddoowwan bookeen busaa itti walhoran qulqulleessuun fi qindoominaan hojjechuun akka barbachisuu Obbo Mansgistun eeruu TOI gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.