Finfinnee, Amajjii 16, 2014 (FBC)- Biiroon Fayyaa Oromiyaa gamaaggama kurmaana 2ffaa gaggeessaa jira.
Biirichi sagantaa ‘Primary health care Alliance for Quality fi PHCU’ magaalota Oromiyaa Shaashamanneetti gamaaggamni guyyoota 3’f turu eegaleera.
Tajaajiloonni buufata fayyaa keessatti kennaman qulqullinnaa fi itti quufinsa hawaasaa qabaachuu qabaan himameera.
Miseensi garee deeggarsa dhaabbilee fayyaa Oromiyaa Obbo Dastaa Bukuluu, hudhaalee fayyaan wal qabatan adda buusuu fi ciminaalee jiran itti fufsiisuun, hawaasa fayya qabeessa horachuu qabna jedhaniiru.
Ogeeyyiin fayyaa magaalota garagaraa irraa dhufan muuxannoo wal jijjiiruun eegamaa.
Gamaaggamicharrattis magaalota 23 oltu irratti hirmaata jedhameera.
Hooggantoonni Biiroo Fayyaa Oromiyaa, waajjiraalee fi ogeeyyonni irratti hirmaatan jiiru.
Jibriil Huseentuu gabaase
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.