Biiroon Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Sochii waliigalaa naannichaarratti miidiyaaleef ibsa kenne

Finfinnee, Hagayya 12, 2012 (FBC) – Biiroon Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Sochii waliigalaa naannichaarratti miidiyaaleef ibsa kenne.

Naannoo Oromiyaa keessatti hojiiwwan misoomaa, nageenyaafi ijaarsa sirnaa cimee kan itti fufe ta’uu hogganaan Biiroo dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Geetaachoo Baalchaa ibsan.

Oromiyaa dinagdeen badhaatee fi nageenyaan beekamtu ijaaruuf sochii mootummaan taasisaa jirurratti wal hubannaan uumamaa jiru kan yeroo kamiiyyuu caalaa fooyyee kan qabu ta’uu eeraniiru.

Ummanni naannichaa waamicha hokkaraa fi diigumsaa humnoota fagoo ta’anii dhaamanii irra deddeebiin fashaleessuudhaan kutannoo ijaarsa naannoofi biyyaatiif qabu agarsiisuusaa hubachiisan.

Guyyaa har’aa ejjennoo “Daandii misoomu malee, kan cufamuufi diigamu hin qabnu; misoomaa fi nageenyaaf malee ololaaf gurra kenninu hin qabnu; Nuti hojiirra jirra.” Jedhuufi kanneen biroo qabatee ba’uun hojii idileesaa irra oole jedhan.

Akka obbo Geetaachoon jedhanitti, ummanni misooma, nageenyaafi sirna hariiroo cimaa mirkaneessu ijaaruuf qophaa’ummaa cimaa kan qabu ta’uu isaa konfaransii baatii kana keessa geggeeffamaa turerratti ibsee jira.

Mootummaan rakkoowwan nageenyaa sababoota adda addaatiin uumaman to’achuuf ol’aantummaa seeraa araarama tokko malee kabachiisuu akka qabus gaafateera.

Akka Biiroon Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa beeksisetti mootummaan naannichaas ergamaafi dirqama heeraafi seeraan itti kenname bahachuuf hirmaannaa ummataa cimaadhaan hojii ol’aantummaa seeraa kabachiisuu ciminaan hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Dabalataanis, gaaffii misoomaafi rakkoo bulchiinsa gaarii ummataa deebisuuf caasaa mootummaa sadarkaa hundatti jiru cimsuurratti fuulleffatee hojjechaa kan jiru ta’uu eeran.

Xumurarrattis, sababa olola humnoota faallaa jijjiiramaatiin ija keenya galma Badhaadhinaa qabannerraa, faana keenyammoo imala ijaarsa sirnaafi biyyaa calqabnerraa hin buqqifnu jechuun dhaamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Comments (0)
Add Comment