Biiroon Dhimma Hojjataa fi Hawaasummaa Naannoo Ormiyaa fandii eeggumsa hawaasummaa hundeessuun rakkoo hawaas-diinagdee furuuf hojjachaa jira

Finfinnee, Sadaasa 16, 2013 (FBC) – Biiroon Dhimma Hojjataa fi Hawaasummaa Naannoo Ormiyaa fandii eeggumsa hawaasummaa hundeessuun rakkoo hawaas-diinagdee furuuf hojjachaa jira.

Biiroon Dhimma Hojjataa fi Haawaasummaa Naannoo Oromiyaa fandii eeggumsa hawaasummaa naannoo Oromiyaa hundeessuuf qorannoo ka’uumsaa Yunivarsiitii Jimmaa gaggeesse irratti qooda fudhattoota waliin Magaalaa Adaamaatti mari’ateera.

Biirichi kenna tajaajila hojiiwwaan deeggarsaa garaagaraa taasisuun cinatti fandii eeggumsa hawaasummaa hundeessuun rakkoo hawaasaa-diinagdee furuuf hojjachaa jiraachuunis ibsameera.

Rakkoowwaan hawaasa diinagdee furuuf imaammata eeggumsa hawaasummaa akka biyyaatti bara 2007 bahe hojirra oolchuun milkaa’inaaf hojjetamaa jiraachuu barreefamaan hirmaattotaaf dhiyaachuun irratti mari’atameera.

Kaayyoon guddaan fandii eeggumsa hawaasummaa sirna deeggarsaa diriirsuun hirmaannaa fi fayyadamummaa lammiilee karaa hundaan mirkaneessuun kutaa hawaasa sababa gargaraatin rakkoof saaxilaman deeggaruu akka ta’e hooggantuun Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa aadde Jamilaa Sinbiruu dubbataniiru.

Qaamni hunduu bakka jirutti dirqama lammummaa bahachuun aadaa wal-gargaarsaa cimsuu akka qabu Adde Jamilaan dhaamaniiru.

Qorannoon Yunivarsiitin Jimmaa fandii eegumsa hawaasaa(social protection) hundeessuun haala itti fufiinsa qabuun hawaasa sababa namtolchee fi uumamaan rakkoof saaxilaman karaa qindaa’een deeggarun murteessaa ta’uu adda baaseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

Comments (0)
Add Comment