Biiroon Bulchiinsa Nageenyaa magaalaa Finfinnee hoggantoota kutaalee magaalichaa waliin mari’ate

Finfinnee, Muddee 15, 2014 (FBC)- Biiroon Bulchiinsa Nageenyaa magaalaa Finfinnee dhimmoota nageenyaa irratti hoggantoota kutaalee magaalichaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’ateera.

Waamicha Muummee Ministiraa Abiy Ahimad hordofee dhalattoonni Ityoophiyaa gara biyyaa dhufan yaaddoo nageenyaa tokko malee akka keessummeeffamaniif hojiin nageenyaa magaalichaa  hojii dursi kennamuuf ta’uu ibsameera.

Hojii nageenya kabachiisuun bu’aa quubsaa galmeessisuuf ilaalcha keenya guddisuun barbaachisaadha jedhameera.

Uummanni qaamolee nageenyaa waliin qindaa’ee akka hojjetuuf qophiin uummataa walfakkaataan kan taasifamu ta’uu eerameera.

Tattaaffii cimaa qaamoleen nageenyaa taasisaniin yakkoonni hedduun to’atamuu kaafameera.

Kenniinsa waraqaa eenyummaan walqabatee hojimaatni qajeelfama labsii yeroo ariifachiisaa hin kabajne muul’achuu eerameera.

Ijaarsa seeraan alaa hordofuun diiguurratti hojii quubsaan hojjetamuu fi dursanii ittisuurratti hojii manee hedduun kan hafan ta’uu ibsameera.

Hawaasni daldalaa gara biyyaa dhufuu Ityoophiyaanotaa fi dhalattoota Ityoophiyaa hordofee dabaliinsa gatii taasisuurraa of qusachuu akka qabu ibsamuu ragaan Waajjira Seekretariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment