Biiroon Bulchiinsa Nageenyaa Finfinnee Ofiiseroota Too’annoo Tajaajila Danbii eebbisiise

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2013 (FBC) – Biiroon Bulchiinsa Nageenyaa Finfinnee Ofiiseroota Too’annoo Tajaajila Danbii eebbisiise.

 

Biiroon Bulchiinsa Nageenyaa Finfinnee baatii 2f lenjisaa kan ture Ofiiseroota Too’annoo Tajaajila Danbii kuma 2 fi 761 guyyaa har’aa eebbisiiseera.

 

Sirna eebbaa kanarratti Itti Aantuun kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee, hoogganaa Biiroo Biiroon Bulchiinsa Nageenyaa Finfinnee Gargaaraa Komishinaraa Addunyaa Dabalaa fi hooggantoonni hojii olaanoon argamaniiru.

 

Biirichi Naannoo Oromiyaa Leenjii Polisii Idilee Bulbulaatti marsaa 4ffaaf leenjisaa kan ture Ofiiserroota Too’annoo Tajaajila Danbii kuma 2 fi 761 eebbisiiseera.

 

 Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment