Biiroon Barnootaa Oromiyaa fi Ministeerri Barnootaa Chaayinaa waliigaltee hojii mallatteessan

Finfinnee, Mudde 4, 2016 (FBC) – Biiroon Barnootaa Oromiyaa barnoota afaan Chaayinaa mana barnootaa bultii addaatti barsiisuu eegale cimsuuf Ministeera Barnootaa Chaayinaa waliin waliigaltee hojii mallatteesse.

Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo fi Bakka Bu’aan Ministeera Barnootaa Chaayinaa Song Young Bo waliigalticha mallatteessaniiru.

Waliigaltichi hariiroo Itiyoophiyaa fi Chaayinaa barootaaf ture caalmaatti kan cimsu ta’uu Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon himaniiru.

Yeroo ammaa Naannoo Oromiyaatti Afaan Chaayinaa manneen barnootaa bultii addaa 9 fi mana barnootaa addaa sadarkaa lammaffaa 3 keessatti kennamaa jiraachuu ibsaniiru.

Bakka bu’aan Ministeera Barnootaa Chaayinaa Song Young Bo gama isaaniin, waliigalteen kun hariiroo obbolummaa, Invastimentii, daldalaa fi kanneen biroo Chaayinaa fi Itiyoophiyaa waggoota 53 ture caalmaatti kan cimsuu ta’uu dubbachuu EBCn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment