Finfinnee, Amajjii 16, 2014 (FBC)- Biiroon Barnoota Oromiyaa magaalaa Adaamaatti gamaaggama kurmaana 2ffaa gaggeessaa jira.
Biirichi daayrektaroota Biiroo Barnoota Oromiyaa fi Itti Gaafatamtoota Waajjira Barnoota Godinaalee fi bulchiinsa Magaalotaa waliin ta’uun gamaaggama raawwii hojii barnootaa kurmaana 2ffaa geggeessaa jira.
Kaayyoon gamaaggama kanaa raawwii hojii barnootaa ilaaluun haqinoota jiran adda baafachuun yeroo itti aanu keessatti hojii barnootaa ciminaan hojjechuufidha.
Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo waltajjicharratti akka dubbatanitti yeroo itti aanutti hojii barnootaa milkaa’ina qabu hojjechuuf mariin har’a taasisnu murteessaadha jedhaniiru.
Gaabaasa kurmaana 2ffaafi gabaasa supparvizyinii dhiyaate irratti hundaa’uun qabxiiwwan gurguddaa sadii irratti mariin taasifameera.
- Haala raawwii gabaasaa ilaachisee
- Wantoota akka rakkootti godinaalee fi bul.magaalotaa mudataniifi
- Yeroo itti aanutti maal irratti xiyyeeffachuun hojjechuun akka barbaachisu waltajjicha irratti ibsameera.
Gamaaggama raawwii hojii kurmaana 2ffaa gaggeeffame kanarratti ciminoonnii fi hanqinoonni gurguddoon adda bahuu ragaan Biiroo Barnoota Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.