Biiroon Barnoota Oromiyaa fi Itiyoo Teeleekoom waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Bitootessa 23, 2016 (FBC)- Itiyoo Teeleekoomii fi Biiroon Barnoota Oromiyaa waliigaltee Daree Barnoota Ismaarti ijaaruuf dandeessisu mallatteessaniiru.

Waliigaltichi manneen barnootaa Bultii Addaa saddeetii fi Manneen Barnoota Adda 33 keessatti dareewwaan 82 ismart 82 taasisuuf kan dandeesisu ta’uun ibsameera.

Waliigaltichas Hoggannaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Baariisoo fi Hojii Raawwachistuu Olaantuun Itiyoo Teeleekoom Firehiiwot Taammiiruun mallatteessaniiru.

Hojii Raawwachistuu Olaantuun Itiyoo Teeleekoom Firihiwoot Taammiiruun, waliigaltichi, Teeknooloojii fayyadamuun sirna kenniinsa barnoota ammayyeessuuf kan tumuudha jedhan.

Barattoonnis barnoota qulqullinaa qabu fi teeknooloojiin deeggarame akka argatan, waliingahiinsi barnootaa haqa qabeessi akka jiraatuuf, ce’uumsi dijitaalaa hojiirra akka ooluuf, hanqinaalee galteewwan barnootaa hir’isuuf faayidaa olaanaa qabaachuu himaniiru.

Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon gamasaaniin, Naannoo Oromiyaa barattoonni miiliyoona 11.5 fi manneen barnootaa kuma 35 jiraachuu ibsaniiru.

Naannichatti hojiirra oolmaan daree ismaartii kun imala Dijitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuuf gumaacha akka taasisu qabaachuu dubbataniiru.

Maahileet Takilabirhaantu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment