Biiroon Barnoota Naannoo Oromiyaa Qulqullina Barnootaa irratti xiyyeeffannoo guddan hojjachaa jiraachuu beeksise

Finfinnee, Qaamme 2, 2012(FBC)-Biiroon Barnoota Naannoo Oromiyaa Qulqullina Barnootaa irratti xiyyeeffannoo guddan hojjachaa jiraachuu beeksise.

Biirichi sochii imala jijjiiramaa mootummaa Naannoo Oromiyaa qabatee deemaa jiru milkeessuuf barnoonni bu’uura ta’uu ibsuun hojiiwwaan ji’a gannaa keessatti tola ooltummaa hojjatamanii fi karoora gara fuula duraa irratti bakka Preezdaantin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti dhiyeeseera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas rakkoo qulqullina barnootaa naannoo keenyaa hiikuuf xiyyeeffannoo olaanaa kennuun ji’oota lamaan ganna kanatti hirmaannaa hawaasaa bal’aa taasiseen manneen barnootaa 10,000 keessatti daree dabalataa 30,000, manneen dubbisaa manneen barnootaa keessaa 4500 olii fi manneen dubbisaa Hawaasaa 600 ol akkasumas kitaabilee hanga miiliyoona 1 gahu walitti qabuun hojii bal’aa hojjatamaa kan ture ta”uu dhugoomaniiru.

Rakkoo qulqullina barnootaa naannoo keenyaa bu’uura irraa hiikuuf mootummaan naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoo kennuun kan hojjatu ta’uu obbo Shimallis Abdiisaa dubbataniiru.

Daa’imman abdii biyyaa ta’an barsiisuun hegeree biyyaatti jijjiirudhaaf wabiidha kan jedhan Preezdaantin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis gara fuula duraatti deeggarsi barnootaaf taasifamu karaa hundaan cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Hojiin har’a barnoota irratti hojjetamu hojii dhaloota egeree ta’uu hubannee xiyyeeffannoon kennuu hojjechuu qabna jechuun preezdaant Shimallis dabalataan dhaamaniiru.

Hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo gama isaanitiin bara barnootaa 2013 tti labsiin hojii barnootaa jajjaboo ta’an karaa Preezdaantii obbo Shimallis Abdiisaatiin ibsame abdachiisaa ta’uu ibsuun.

Manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa 100 ta’an kan sadarkaa isaanii eeggatan godinaalee Oromiyaa keessatti akka ijaaraman dubbataniiru.

Haaluma kanaan Manni Barumsaa Bultii Addaa 7 akka ijaaramuu fi Manni Barumsaa Addaa 40 ta’an akka ijaaramanis ifatti labsaniiru.

Manneen barnootaa kunneen ji’oota 7fi 8 kan hin caalle keessatti xumuramanii eebbifamuu akka qabanis kallattiin ka’ameera.

Hoggansi Godinaalee fi Bulchiinsa Magaalotaas xiyyeeffannoo kennuun pirojektoota kanneen raawwachiisuu keessatti dirqama bahachuu akka qabanis dhaamaniiru.
Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaatu beeksise.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment