Biiroon Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa Waldaa Daawwachiiftota Ityoophiyaa waliin waliigaltee hojii mallatteesse

Finfinnee, Amajjii 14, 2013 (FBC ) – Biiroon Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa Waldaa Daawwachiiftota Ityoophiyaa waliin waliigaltee hojii mallatteesse.
Waliigalticha Itti Aanaa Hooganaa Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa obbo Hundee Kabbadaa fi Dura Taa’aan Waldaa Opireetaroota Tuuriizimii Ityoophiyaa obbo kiiroos Mehaarii mallateessaniiru.
Itti Aanaa Hooganaa Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa obbo Hundee Kabbadaa sirna waliigaltichaarratti akka ibsanitti waliigaltichi yaa’insi tuuriistii lakkoofsaan akka dabaluu fi hawaasnis fayyadamaa akka ta’u ni garagaaraa jedhaniiru.
Dura Taa’aan Waldaa Opireetaroota Tuuriizimii Ityoophiyaa obbo kiiroos Mehaarii gama isaaniin, Waldaan Daawwachiiftota Ityoophiyaa waliigalticharra akka fayyadamanii fi caalmaattii qabeenya tuuriizimii naannoon Oromiyaa qabdu beeksisuuf akka carraaqanii fi qophii ta’uu isaaniis mirkaneessaniiru.
Qabeenya tuuriizimii naannichaa gara fayyadamummaa diinagdeetti jijjiiruun murteessaa ta’uunis irratti walii galameera.
Addis Taammiraatu gabaase.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment