Biirooleen Baankii hin taane shan eeyyama hojii Sharafa alaa argatan

Finfinnee, Fulbaana 22, 2017 (FBC) – Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Biiroolee Baankii hin taane shaniif eeyyama hojii Sharafa alaa kennuu beeksise.
Tajaajila sharafa alaa babal’isuu fi qaqqabummaa akkasumas sharafa alaa guddisuuf Biiroolee sharafa alaa baankii waliin hojiirra jiran dabalataan waajjiraalee sharafa alaa dhuunfaa baankii hin taane banuuf qajeelfama sharafa alaa baasuu ibseera.
Biirooleen kunneen guutummaatti fudhatama kan qaban, maallaqa dheedhii bituu fi gurguruu, akkasumas baankota waliin qindaa’uun sharafa alaa Daldalaa keessaa fi alaaf mijeessuun gabaa sharafa alaa biyyattii babal’isuu fi gabbisuu keessatti qooda ni qabaatu jedheera.
Biirooleen dhuunfaa eeyyama sharafa alaa argatan kunneenis:-
‘1.Dugda Fidelity Investment PLC,
2. Ethio Independent Foreign Exchange Bureau,
3 Global Independent Foreign Exchange Bureau,
4. Robust Independent Foreign Exchange Bureau,
4 Yoga Forex Bureau’ ta’uu isaanii baankichi beeksiseera.
Comments (0)
Add Comment