Finfinnee, Onkololeessa 27, 2016 (FBC) – Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti dhaabbanni deeggarsa daa’immaanii Biiroo Fayyaa Naannoo Afaariif Konkolaattoota 10 fi Ambuulaansiiwwan 5 deeggarsa taasiseera.
Deeggarsichi Yuuniseefitti Bakka Bu’aan Itiyoophiyaa Dooktar Abubakar Kaaboon Pireezidaantii Naannoo Afaar Obbo Awwal Aarbaaf kennaniiru.
Obbo Awwal Aarbaan deeggarsa Yuuniseef naannichaaf taasise galateeffataniiru.
Dooktar Abubakar gamaasaaniin, deeggarsichi du’aa hadhoolii fi Da’immanii hir’isuuf qooda olaanaa qabaachuu eeruun deeggarsichi cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.
Gama biroon Pireezidaantii naannoo Afaar Obbo Awwal Aarbaa dabalatee Hoggaantoonni Olaanoon mootummaa naannichaa Hospitaalaa Duubtii daawwataniiru.
Alii Shumbaahiriitu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.