Biirichii fi Abbaan Taayitichaa waliigaltee hojii waliif mallatteessan

Finfinnee, Gurraandhala 8, 2014 (FBC) – Biiroon Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa fi Abbaan Taayitaa Saayinsii fi Teeknoolojii Oromiyaa waliigaltee hojii waliif mallatteessaniiru.
Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Aadde Sa’aadaa Usmaanii fi Daayreekterri Olaanaan Abbaa Taayitaa Saayinsii fi Teeknoolojii Oromiyaa obbo Makonnin Bayyanaa waliigalticha mallatteessaniiru.
Bu’uura Aangoo Biiroo Aadaa fi Tuurizimii irratti hundaa’uun qabeenya kalaqa uumee fi beekkumsa xabboo Oromoo qorachuu, misoomsuu fi beeksisuun bu’aa hawaas diinagdee fi Hawaasumaaf oolchuun uummanni bal’inaan akka irraa fayyadamu gochuuf hojiiwwan hedduun qooda fudhattoota waliin hojjetamaa jiraachuu Aadde Sa’aadaa Usmaan himaniiru.
Milkaa’ina hojii kanaatiifis qabeenya humna namaa, leecalloofi Loogistiksiiwwan barbaachisan walitti qindeessuun qabeenya kalaqa Uumeefi beekumsa xabboo naannoo keenya gara Daataa beeziitti galchuun karaa guddina saayinsii fi teeknoolojiif ooluu danda’uun kan hojjetan ta’uu ibsanii jiru.
Obbo Makonnin Bayyanaas gama isaaniitiin Abbaan Taayitaa labsii aangoo fi gahee hojii isaanii murteessuuf ba’e bu’uura godhachuun hojii qabeenya kalaqa sammuu Naannicha keessatti gaggeeffamu sarbamni mirgaa irratti akka hin raawwanne ittisuu fi beekkumsa Xabboo sassaabuu fi galmeessuun hubannoon hawaasaa akka cimuuf Biiroo Aadaa fi Tuurizimii waliin hojjechuuf qophii tahuu isaanii ibsaniiru.
Qaamni hojii kana keessatti hirmaatu milkaa’ina hojichaaf itti gaafatamummaa olaanaan hojjachuu akka qabu ibsamuu ragaan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment