Biirichi sagantaa dorgommii kalaqaa barattootaa fi barsiisotaa marsaa 2ffaa borurraa eegalee ni qopheessa

Finfinnee, Bitootessa 5, 2015 (FBC) – Biiroon Barnootaa Oromiyaa sagantaa dorgommii kalaqaa barattootaa fi barsiisotaa marsaa 2ffaa borurraa eegalee kan qopheessu ta’uu beeksise.

Dorgommichi Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti kan qophaa’u ta’uu ibseera.

Sagantaa waldorgommii kalaqaa kanarratti Barattoonnii fi Barsiisonni 182 kalaqasaanii kan dhiyeessan ta’uu Itti aantuu Hoggantuun Biiroo Barnoota Oromiyaa Aadde Magartuu Mohaammad himaniiru.

Sadarkaa 1ffaa irraa barattoonni 64 sadarkaa 2ffaa irraa barattoonni 40 calallii itti aanuuf qophaa’aniiru jedhan.

Barsiisonni sadarkaa 1ffaa barsiisan 23 sadarkaa 2ffaa 22 walumatti namoonni 182 kalaqasaanii qabatanii wal-dorgommichaaf kan dhiyaatan ta’uu Aadde Magartuun himaniiru.

Barattootaa fi barsiisota kalaqa isaaniin sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa bahaniifis beekamtii fi badhaasni kan kennamu ta’uu himu OBN gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment