Biirichi rifoormii sirna barnootaa haaraarratti marii gaggeessaa jira

Finfinnee, Hagayya 27, 2014(FBC)-  Biiroon Barnootaa Oromiyaa,riifoormii sirna barnootaa haaraa fi kallattii gara fulduraa irratti qooda fudhattoota  waliin Magaalaa Adaamaatti mari’achaa jira.

Maricharatti sirna barnootaa haaraa bara barnootaa 2015tti hojiirra ooluuf jedhurratti qaamoleen hunduu ga’een isaanii akka ba’aniifi kitaabileen barnootaa haaraarratti qophaa’an, barattoota bira akka ga’aniif hundi dirqama isaa ba’achuu akka qabu ibsameera.

Ittaanaan Hoogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Galaanaa Walda Mikaa’eel, barnoota qulqullina qabu sadarkaa hundaatti kennuuf biirichi qophii barbaachisu hunda xumuruu eeraniiru.

Biiroo barnootaa Oromiyaatti, daarekterri qophii fi hojiirra oolmaa sirna barnootaa obbo Darajjee Taaddasaa gamasaaniin, biirichi sirna barnootaa jaarraa 21ffaa teeknolojiin deeggeruun hojiirra oolchaa jiraachuu himaniiru.

Sirni barnootaa hojiirra ture gochaan deeggeramaa kan hin turree, qabiyyeen kan itti baay’atefi hojii kalaqaa kan of keessaa hin qabne ta’uu ibsamuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment