Biirichi raawwii karoora baatiwwaan jahan dabanii gamaaggame

Finfinne Guraaandhala 1, 2015 (FBC)- Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistikii Oromiyaa raawwii karoora baatiwwaan jahan dabanii gamaaggameera.

Biirichi  Caasaa godinaalee, aanaaleefi dameewwan suphaa waliin karoora raawwii baatiwwaan jahan darbani gaggameera.

Waltajjii kanaan hojiin ijaarsa daandii, riqichaafi suphaa sababa rakkoo nageenyaa fi qaala’iinsa gatii mudateen akkaataa karoorfameen hojjetamuu dhabuun akka hanqinaatti ilaalamuu ibsameera.

Daandii gurguddoo godinaa fi godina walqunnamsiisan 20 karoorfame keessaa 12 bakka rakkoon nageenyaa jiru waan ta’eef kan hin hojjetamne ta’ui Ittaanaan Hogganaa Biiroo Daandiiwwaanifi Loojistikii Oromiyaa Injinar Kadir Huseen himaniiru.

Waliin ga’iinsa daandii baadiyaa irratti hanqina jiru irraan kan ka’e hawaasni rakkoo hawaas-diinagdeef saaxilamaa jiraachuu hirmaatonni godinaalee garaagaraa irraa dhufan dubbataniiru.

Injinar Kadir Huseen, bara kana daandii haaraa hojjechuuf osoo hin taane kanneen jalqabaman  xumursiisuf karoorfamee hojjetama jira jedhan.

Sirni deeggarsaafi hordoffii darbees bakka rakkoon nageenyaa hin jirretti dabalataan hojjechuun ciminoota jiran galtee taasifachuun haqinoota mul’atan foyyessuun kurmaana itti aanuutti hojjechuun murteessaa ta’uus Injinar Kadir dubbataniiru.

Hawwii Fiqaaduutu gabaase.

#Ityoophiyaa #Ethiopia #Oromiyaa #Oromia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment