Finfinnee, Amajjii 7, 2017 (FMC) – Biiroon Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa piroojektoota bishaanii madda komii hawaasa ta’anii turan xumuruun tajaajilaaf banaa taasisuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu ibseera.
Biirichi waggoottan shanan darban piroojektoota bishaanii buleeyyii madda komii hawaasaa ta’anii turan xumuruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu biirichatti Daayrekterri Daayrektooreetii Kominikeeshinii fi Quunnamtii Ummataa Obbo Masfiin Tasfaayee Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.
Biirichi hanqina dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu furuuf qooda fudhattoota waliin hojjechaa jiraachuu Obbo Masfiin eeraniiru.
Haaluma kanaan waggoottan shanan darban piroojektoota buleeyyii sadarkaa Naannoo,Godinaalee fi aanaaleetti eegalamanii addaan citan xumuruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Biirichi bara 2017tti dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu foyyeessuun fayyadamummaa ummata naannichaa mirkaneessuuf kan hojjetu ta’uu ibseera.
Haaluma kanaan bara kana piroojektoonni bishaanii guguddoo 40 magaalootatti, 106 immoo godinaaleetti Baajata Mootummaa, Miti Mootummaa fi hirmaanna Ummataa Birrii biiliyoona 16 oliin hojjetamaa jiraachuu Obbo Masfiin eeraniiru.
Piroojektoota guguddoo akka naannootti hojjetamaa jiran 40 keessaa sadii xumuramuun tajaajila kennaa jiraachuu kaasaniiru.
Piroojektonni 6 ammoo %85 qaqqabuun himaniiru.
Walumaagalatti piroojektonni 32 sochii keessaa jiraachuu ibsuun, 8 immoo sababoota adda addaan osoo hin eegalamiin hafuu ibsaniiru.
Kanneen sadarkaa godinaaleetti ijaaramaa jiran 106 keessaa ammoo 10 xumuramuun tajaajila kennaa jiraachuu dubbataniiru.
Kurmaana 2ffaa piroojektoonni sadarkaalee garaagaraatti ijaaramaa turan 703 xumuramuun lammiilee kuma 500 fi kuma 31 ol fayyadamoo taasisaa jiraachuu eeraniiru.
Kana malees iskiimota tajaajila dhaaban suphuun tajaajilatti deebisuun oomisha bishaanii dabaluuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Obbo Masfiin himaniiru.
Fedhiin ummataa piroojektoota haaraa jiraachuu ibsuun, ta’uus piroojektiwwan buleeyyii xumuruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Rakkoo kenna tajaajilaan jiran fooyyessuun Iskiimoota bishaanii jiranirraa hawaasa karaa haqa qabeessa ta’een fayyadamaa taasisuuf hojjetamaa jiraachuus himaniiru.
Dhaabbilee tajaajila bishaanii fi dhangala’aa ammayyeessuun tajaajila qulqulluu, dhaqqabamaa fi si’ataa ta’e hawaasaaf dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.