Biirichi naannoo Oromiyaatti lafti heektarri miiliyoonni 3.4 kilaasteraan misoomaa jiraachuu ibse

Finfinnee, Hagayya 5, 2013 (FBC)-Biiroo Qonnaa fi Qabeenyaa Uumaamaa Oromiyaa naannoo Oromiyaatti lafti heektari miiliyoonni 3.4 kilaasteraan misoomaa jiraachuu ibseera.

Oomisha dhibee fi ilbisoota adda adda irraa baraaaruuf qorichii leetirri miiliyoona 5.1 qonnaan bultootaaf raabsuuf hojjechaa akka jiru Biirichi ibseera.

Qonna Bultoonni godina Arsii fi Arsii lixaa gama isaaniin hanqinni dhiyyeessii calla guddistuu akka isaanii mudate kaasuudhaan kan gabaarra jiru gatii  olaanaadhaan bituuf waan dirqamaniif baasii hin malleef saaxilamaa jiraachuu himaniiru.

Komii qonnaan bultootarraa ka’u kana furuuf qoricha farra aramaa, waagii, ilbsaa fi kanneen biroo leetirri miiliyoona 5.1 dhiyyessuun yeroo amma kana karaa  federeshiniin waldaa hojii gamtaa qonna Oromiyaatin raabsamaa jiraachuu  itti aanaan hoggannaa Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Naannoo Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu dubbataniiru.

Naannoo Oromiyaatti qonna gannaatin bara kana  lafti heektari miiliyoonni 6.3 oomisha garaagaraatin uwwifamuuf kan karoorfame ta’uu obbo Geetuun himaniiru.

Xaa’oo oomisha kanaaf barbaachisu kuntaala miiliyoona 8.2 dhiyeessuuf karoorfachuus dubbataniiru.

Hanga ammaatti kuntaali miiliyoonni 7.3 dhiyyaachuu ibsaniiru.

Sanyii filatama kuntaala kuma dhibba 9 fi kuma 66 dhiyaachuuf karoorfame keessaas  kuntaalli kumni dhibba 5 fi kumni 80n  dhiyaatee naannoo qonni gannaa hin xumuramnetti rabsamaa jiraachuus ibsaniiru.

Miidhaksaa Qachaatu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment