Biirichi ”Muuziyeemii_Saayinsii Biyyaalessaa Busaan” jedhamu Waliin hojjechuuf waliigaltee Mallatteesse

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2016 (FBC) – Biiroon Barnoota Oromiyaa Muuziyeemii_Saayinsii Biyyaalessaa Busaan jedhamuu waliin hojjechuuf waliigaltee mallattesseera.

Biirichi barnoota daa’immanii fooyyessuuf dhaabbilee biyyoota garaagaraarraa muuxannoo qoodachuun qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.

Haaluma kanaan dhaabbata ‘Busan National Science Museum’ jedhamu Kooriyaatti argamu waliin hojjachuuf waliigaltee mallateesseera.

Waliigalticha Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Baariisoo fi Daayrektarri dhaabbatichaa Dooktar Num Yee Ong Huuh mallattessuu ragaan biiricharra argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment