Biirichi moosaajii haaraa manneen mootummaa magaalota Oromiyaa keessatti argaman ittiin too’atu ifoomse

Finfinnee, Caamsaa 15, 2014 (FBC) – Biiroon Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Oromiyaa moosaajii haaraa manneen mootummaa magaalota Oromiyaa keessatti argaman ittiin too’atu ifoomseera.
Saganataa kanarratti Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii dabalatee keessummoonni kabajaa argamaniiru.
Hogganaan Biiroo Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Oromiyaa Obbo Guyyoo Galgaloo, moosaajiin misooma manneen mootummaaf qophaa’e kun qisaasama manneen mootummaarra yeroo dheeraaf ture hambisuun bulchiinsa manneen mootummaa ammayyeessuuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.
Waggoota dheeraaf magaalota Oromiyaa keessatti ragaan haala qabatamaa ta’een ammayyaa’ee hin turre kan jedhan Obbo Guyyoon, moosaajiin [sooftiweerin] kunis isa kana to’achuuf kan dandeessisuu fi kunuunsuun haala salphaa ta’een dhalootaa dhalootatti dabarsuuf dandeessisa jedhan.
Kana booda manneen mootummaa magaalota keessatti argaman mootummaan mancaatii fi hannarraa oolchee, misoomaaf oolchuu fi hojimaataan kan hogganu ta’uus obbo Guyyoon himaniiru.
Moosaajiin haaraa hojiirra oolu kun hanna, haqa dhoksuu fi ragaa seeraan qindeessuuf qooda olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin ibsuu OBN gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment