Biirichi meeshaalee walla’aansa Birrii miiliyoona 6tti tilmaamamu naannoo Affaariif taasise

Finfinnee, Muddee 14, 2014 (FBC)- Biiroon Eegumsa Fayyaa magaalaa Finfinnee meeshaalee walla’aansa Birrii miiliyoona 6tti tilmaamamuu naannoo Affaariif taasiseera.

Biiricha dabalatee Mana Kuusaa Qorichaa Kanamaa fi Abbaan Taayitaa to’annoo qorichaa fi nyaataa deeggarsicha naannoo Affaariif taasisaniiru.

Hogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa magaalaa Finfinnee Dooktar Yohaannis Caalaa, deeggarsi taasifamee dhaabbilee fayyaa gareen shororkeessaa ABUT barbadeessaan hojii jalqabsiisuuf tattaaffii taasifamuu tumsufi jedhaniiru.

Deeggarsichaan meeshaalee walla’aansa, qorichootaa fi kanneen biroon kan haammatameedha.

Duulli birmaddummaa biyyatti kabachiisuu hanga xumuramuutti deeggarsi taasifamuu cimee kan itti fufuu ta’uu ibsuu ragaan Biiricharra argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Comments (0)
Add Comment