Biirichi manneen maanguddootaa fi harka qalleeyyii kuma 21 ol ijaaruu fi haaromsuuf hojjechaa jiraachuu beeksise

Finfinnee, Adoolessa 27, 2014 (FBC) – Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa tajaajila tola ooltummaa Gannaan manneen maanguddootaa fi harka qalleeyyii kuma 21 ol haaraa ijaaruu fi haaromsuuf hojjechaa jiraachuu beeksiseera.
Manneen kunneen gandoota magaalaa fi baadiyyaa naannichaa keessatti kan ijaarramanii fi haaromsaman ta’uu Itti aantuu Hoggantuun Biirichaa Aadde Sarkaalem Saakumeen eeraniiru.
Hojii tolaa waqtii gannaa kanaan manneen haaraan kumni 7 fi 500 kan ijaarraman ta’uu fi manneen kumni 14 ammoo kan haarooman ta’uu Aadde Sarkaalem ibsaniiru.
Yeroo ammaas raawwiin isaanii % 50 irra ga’uu kaasaniiru.
Dabalataan sadarkaa naannoo Oromiyaatti daa’immaan maatii harka qalleeyyii miiliyoona 2.5’f meeshaalee barnootaa deeggarsa taasiisuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Bara baajataa darbe caasaaleen dubartootaa sadarkaan jiran tajaajila lammummaan raayyaa Ittisaaf meeshaalee fi akaakuun Birrii biiliyoona 2.2tti tilmaamamu deeggarsa taasiisuu Aadde Sarkaalem himaniiru.
Bara kana ammoo tajaajila lammummaan hojii Birrii biiliyoona 2.8 baasu raawwachuuf hojjetamaa jiraachuu Aadde Sarkaalem ibsaniiru.
Maddi:-TOI
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment