Biirichi maashinii haaraa naayitiroojinii dhangala’aa oomishu bituun giddu gala oomishaa fi raabsaa naayitiroojinii dhangala’aa Adoolatiif kenne

Finfinnee, Bitootessa 5, 2014 (FBC)- Biiroon Qonnaa Oromiyaa maashinii haaraa naayitiroojinii dhangala’aa oomishu Birrii miiliyoona 35 oliin bituun giddu gala oomishaa fi raabsaa naayitiroojinii dhangala’aa Adoolatiif kennuun hojii eegalchiise.

Maashiniin naayitiroojinii dhangala’aa oomishu kun ,sanyiin kormaa fooyya’aa biyya alaatii dhufu tursiisuun qonnaan bultoota Godina Gujii fi Gujii lixaaf raabsuun qonnaan bultoonni sanyii kormaa qorannoon mirkanaa’e kana fudhanii itti fayyadamanii oomisha isaan aannaan irraa argatan ol guddatee galiin isaaniis akka dabaluuf ga’ee olaanaa qaba jechuun Hoji Gaggeessaan Giddu Gala Oomishaa fi Raabsaa Naayitiroojinii Dhangala’aa Adoolaa Obbo Guyyee Aagaa dubbataniiru.

Maashiniin inni nuti dur itti fayadamaa turre guyyaatti naayitiroojinii liitira 150 qofa oomisha ture kun garuu guyyaatti naayitiroojinii liitira 700 ol oomisha jedhan.

Kun ammoo raawwii hojii keenyaa sirriitti ol guddisa jechuun Obbo Guyyeen himaniiru.

Akka gabaasa OBNtti Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Gujii,Obbo Taaddasaa Buzunaa qonnaan bultoonni godinichaa sanyii kormaa giddu gala oomishaa fi raabsaa naayitiroojinii dhangala’aa Adoolaa irra fudhatanii itti fayyadamii galii aannan irraa argatan guddifatanii jiruu fi jireenya isaanii akka fooyyeeffataniif barumsaa fi hubannoo barbaachisu qonnaan bultootaaf kennaa jirra jedhan.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment