Biirichi lammiilee godina Baaleetti hongeen miidhamaniif deeggarsa taasise

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2014 (FBC)- Biiroon Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa hawaasa Godina Baaleetti sababa hongeetiin beelaaf saaxilamaniif deeggarsa taasiseera.

Biiroon Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa hawaasa Godina Baalee Bahaa sababa hongeetiin beelaaf saaxilamaniif deeggarsa daakuu kuntaala 459 fi zayita litirii 745 taasise.

Itti Aanaan Bulchaan  Godina Baalee Bahaa Obbo Muhaammad Usmaa’il deeggarsa Biirichi hawaasa Godina Baalee Bahaa taasifameef galateffataniiru.

Sababa dheerachuu bonaatiin aanota godinicha keessatti hongeen kan mudate ta’uu himuun, deeggarsa mootummaan taasisuun cinaatti hongee irraa hawaasa dandamachiisuuf birmannaan lammiin lammiidhaaf taasisu murteessaa ta’uu dubbatuun qaamonni hunduu deeggarsa barbaachisu akka taasisan gaafachuu ragaan Biiroo Dhimmota Kominikeeshinii Mootummaa Oromiyaarra argame ni muuldhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Comments (0)
Add Comment