Biirichi Jila invastimantii Awustiraaliyaa waliin mari’ate

Finfinnee, Mudde 2, 2016 (FBC)- Biiroon Invastimantii fi Indaastiri Oromiyaa Jila Abbootiin qabeenyaa Awustiraaliyaa Dhaabbata “BUSG” jedhamu waliin mari’ateera.

Maricharratti Hoogganaan Biiroo Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis, Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti Kaantibaa Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaa, Hoogganaa Biiroo Misooma Magaalaa Oromiyaa Obbo Mahaammad Guyyee fi Qooda fudhattoonni biroon argamaniiru.

Garee jilaa Invastimanti Awustiraalaa kanneeniif carraalee fi filmaatawwan invastimantii Naannoon Oromiyaa qabdurratti ibsi kennameera.

Kana malees sochii pirojektoota invastimanti naannichaa daawwatamuu ragaan Biiroo Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaarra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment