Biirichi hospitaalonni gocha garee shororkeessaa ABUTiin hojiin ala ta’an gara hojiitti akka deebi’aniif deeggarsa nan taasisa jedhe

Finfinnee, Sadaasa 28, 2014 (FBC) – Biiroon Eegumsa Fayyaa Magaalaa Finfinnee hospitaalota gocha garee shororkeessaa ABUTiin hojiin ala ta’an gara hojiitti akka deebi’aniif qooda irraa eegamu kan ba’atu ta’uu  beeksise.

Hospitaalota bakkeewwan weerara garee shororkeessaa ABUT jalaa bilisa ba’anitti argaman gara hojiitti deebisuuf galteewwan walitti qabaa jiraachuu ibseera.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee aanaa Maqeettitti hospitaala sadarkaa jalqabaa Sheedihoof deeggarsa qorichaa fi meeshaalee tajaajila wal’aansaa taasiseera.

Garee shororkeessaan ABUT hospitaala kanarratti haleellaa raawwateen meeshaalee tajaajila wal’aansaa, qorichootaa fi maashiniiwwan gurguddaa Birrii miiliyoona 35 olitti tilmaamamu saamuu fi barbadeessuu eerameera.

Hospitaalichii baatiiwwaniif tajaajila dhaabee turuu fi namoonni tajaajila wal’aansaa dhaban hedduun lubbuun darbuu ibsameera.

Ittaanaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Magaalaa Finfinnee Dooktar Mulugeetaa Indaalaa deeggarsa qorichaa fi meeshaalee tajaajila wal’aansaa Birrii miiliyoona 1 fi kuma dhibba 7tti shallagamu hospitaalichaaf laataniiru.

Fuuldurattis hospitaalota bakkeewwan weerara garee shororkeessaa ABUT jalaa bilisa ba’aniif deebisanii qindeessuu fi gara hojii idileetti galchuuf hojii galtee walitti qabuu hojjechaa jiraachuu AMKn gabaaseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment