Biirichi hojmaata haaraa galii daldaaltootarraa argamu dabaluu fi fayyadamtoota onnachiisu 2 hojiirra oolche

Finfinnee, Guraandhala 22, 2015 (FBC) – Biiroon Galiiwwaan Oromiyaa hojmaata haaraa galii daldaaltoota irraa argamu dabaluu fi fayyadamtoota onnachiisuu danda’u 2 hojiirra oolchuu beeksise.

Hawaasni tajaajila argatuu fi meeshaa bitaturraatti nagahee yoo fudhate hanga ji’a jahaatti Birrii 10,000 yoo fayyadame, nagahee biirichaaf nama dhiyeesseef 5% kan herreeguuf ta’uu Hogganaa itti Aanaan Biiroo Galiiwwan Oromiyaa Obbo Ramadaan Waariyoo beeksisaniiru.

Nama daldaaltoota galii mootummaa dhoksan ykn seeraan ala daldaalan argee eeruu Biiroo Galiiwwan Oromiyaaf laateef onnachiiftuun kan kennamuuf ta’uus himaniiru.

Hojmanni haaraan hojiirra oole kun daldaaltoota seeraan ala galii mootummaa hambifatan kan saaxiluu fi galii kan dabalu ta’uu eeraniiru.

Hawaasni tajaajilamaa ta’e hojmaaticha hojiirra oolchuun ofiifi biyya isaa fayyadu akka qabu Obbo Ramadaan ibsaniiru.

Milkeessaa Sobbooqaatu gabaase.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment