Biirichi hanga baatii Eeblatti galii Mana qopheessaarra Birrii biiliyoona 6.2 walitti qabuu beeksise

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2014 (FBC) –  Biiroon Galiwwanii Oromiyaa hanga baatii Eeblatti galii Mana qopheessaarraa Birrii biiliyoona 6.2 walitti qabuu beeksiseera.

Waltajjiin gamaaggama rawwii galii mana qopheessaa magaalaa Adaamaatti qoratamaa jira.

Galii mana qopheessaa magaalootaa guddisuuf hojiileen garaagaraa hojjetamaa turan keessa inni ijoon maddeen galii addaa baasuun duguugaanii fayyadamuu ta’uu, Sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti Hooggantuun Biiroo Gaaliwwanii Oromiyaa, Aadde Maskaram Dabbabaa himaniiru.

Bara kana mana qopheessaarraa hanga baatii Eeblatti galiin Birrii biiliyoonni 6.2 ol walitti qabamuu kaasaniiru.

Biirichi hojii eegalame cimsee akka itti fufu kan himan Aadde Maskaram, kanaafis seektarri hunduu galii mana qopheessa guddisuuf hojjechuu akka qaban dhaamuu OBN gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment