Finfinnee, Sadaasa 2, 2014 (FBC)- Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa guyyoota 10 keessaatti lammiilee miiliyoona 2.6’f talaallii vaayrasii koroonaa laachuuf qophii ta’u ibseera.
Kanaafis Sadaasa 8 hanga 17tti talaallii duulan laatamuuf namoonni umriin isaanii waggaa 12 ol ta’ee talaallichaa akka fudhataniif itti aanaa biiricha Obbo Girmaa Bootoroon ibsaniiru.
Kenniinsi talaallichaa akka milkaa’uuf magaalaa Adaamaatti oggeeyyii fi hoggantoota miidiyaaleef leenjii guyyoota lamaaf turuu laatamaa jira.
Naannoo Oromoyaatti hanga ammaattis lammiileen miiliyoonni 1.2 talaallii vaayrasii koroonaa fudhachuusaanii obbi Girmaan himaniiru.
Talaallii amma laatamuu kunisgodinaalee 13 fi bilchiinsoota magaalaa 19 keessaatti ta’uu ibsaniiru.
Geetachoo Mul’ataatu gabaase
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.