Finfinnee, Bitootessa 1, 2014 (FBC) –Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immaan Oromiyaa Godina Arsiitti dubartoota harka qalleeyyii ta’aaniif deeggarsa laateera.
Guyyaa dubartoota March 8 sababeeffachuun biirichi waajjira dhimma dubartootaa fi daa’immaan godinicha waliin ta’un gandoota godinichaa tokko tokko kessatti dubartoota harka qalleyyii ta’aaniif deeggarsa kan laatee.
Itti gafatamtun waajjira dhimma duubartootaa fi daa’imman godinicha aadde Giishuu Kadir, guyya duubartoota barana yeroo kabajnu dubartoota harka qalleeyyii gargaruu fi dinaagdeedhaan akka gahoman taasisudhanii jedhaniiru.
Barattoota dubartoota kutaa 12ffaa qabxii olaanaa galmeesaan 10 ta’anif beekkamtin kemnameera.
Itti aantuu biiroo dhimma dubartoota fi daa’immaani Oromiyaa aadde Samira Faris, guyya dubartoota bara kana guyya seenaa qabeessaa kan isa taasisuu biyyitti rakkoo kessaa taate injiffannoo galmeessisu isheetti jedhaniiru.
Injiffannoo kana keessatti shoorri dubartootas olaanaa jedhaniru.
Midhaksa Qachaatu gabaase
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.