Finfinnee, Waxabajjii 27, 2013 (FBC) – Oromiyaatti dubartoonnii fi dargaggoonni miiliyoonni 2.5 ol tajaajila lammummaa gannaa irratti kan hirmaatan ta’uu Biiroon Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggoota Oromiyaa beeksiseera.
Dubartoonni Naannoo Oromiyaa sagantaa tajaajila lammummaa fi biqiltuu ashaaraa magariisaa dhaabuu Godina Jimmaa aanaa Gommaa magaalaa Bashaashaatti eegalaniiru.
Hogganttuun Biiroo Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggoota Naannoo Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Usmaan bakkichatti argamuun sagantaa biqiltuu dhaabuu ifatti eegalchiisaniiru.
Saganticha irratti Aadde Sa’aadaan akka himanitti, sagantaan kun mata duree ‘’Tajaajila Lammummaa Ijaarsa Biyyaaf’’ jedhuun kan gaggeeffamu ta’uu himaniiru.
Sagantichan dubartoonnii fi dargaggoonni miiliyoona 2.5 ol tajaajila lammummaa gannaa irratti akka hirmaatan eeruun, biqiltuun miiliyoona 20 kan dhaabbatu ta’uus himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.