Boba’aan seeraan ala daddabarfamaa ture liitirri kuma 28 ol dhaalame

Finfinnee, Amajjii 6, 2017 (FMC)- Boba’aan Naafxaa fi Beenzilli seeraan ala daddabarfamaa ture liitirri kuma 28 fi 608 dhaalamuu Biiroon Daldalaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Biirichi dhiyeessii, raabsaa fi to’annoo boba’aa ilaalchisee ibsa kenneera.

Hoggantuun Biirichaa Aadde Habiibaa Siraaj boba’aa Magaalaa Finfinneef dhiyaachaa jiru, raabsaa fi adeemsa to’annoo ilaalchisee, hojiirra oolmaa fooyyessii diinagdee Gooroo irraa kaasee sirni to’annoo fi deeggarsaa diriirfamuu kaasaniiru.

Haaluma kanaan magaalattiitti buufataalee boba’aa 125’tti, guyyaatti giddugaleessaan Naafxaan liitirri miiliyoona 2, Beenzilli liitirri miiliyoona 1.45, waliigalaan boba’aa liitirri miiliyoona 3.45 dhiyaachaa akka jiru beeksisaniiru.

Adeemsa to’annoo keessaatti buufataalee boba’aa hojii seeraan alaa raawwachaa turan irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsanii, boba’aa seeraan ala daddabarfamaa ture Beenzila liitirri kuma 18 fi 985, Naafxaan liitirri kuma 9 fi 434 ol Gaazii Adiin liitirri 189 waliigalaan boba’aan liitirri kuma 28 fi 608.5 dhaalamuu dubbataniiru.

Daballii gatii eeguun Bootteen boba’aa utuu hinraabsiin, erga gatiin dabalamee, dabalamuu gatii hordofee gabaa idileen liitirii kuma 19 akka gurguramuu taasisuu ibsanii, daballiin taasise motummaaf galii ta’uu ibsaniiru.

Fuulduratti biirichi dhiyeessii boba’aa fi raabsaa isaa tasgabbaa’aa taasisuuf xiyyeeffannaan kan hojjetu ta’uu himuu ragan biiricharraa argame ni mul’isa.

Buufataalee boba’aa bifa kontiroobaandiin akka ba’uu taasisanii fi sirna elektirooniksiin ala daldalan irratti biirichi tarkaanfii cimaa kan fudhatu ta’uu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment