Biirichi dhaabbilee Ijaarsaa 4 waliin boolla Bishaanii gadi 28 qotuuf waliigaltee mallateesse

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2014 (FBC) – Biiroon Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa dhaabbilee ijaarsaa 4 waliin Boolla Bishaaanii Gadi fagoo 28 qochisiisuuf waliigaltee Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 27 olii mallatteesseera.

Boolli Bishaanii Gadii fagoo kunneen Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee dabalatee Godinaalee Oromiyaa 10 keessatti kan qotamu ta’uu Itti aanaa hogganaan Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa Injiinar Abboomaa Tarreessaa ibsaniiru.

Boolla Gadiifagoo kunneen gadi fageenyi isaanii meetira 150 hanga meetira 500 ta’a jedhan Injinar Abboomaan.

Boolli gadifagoo 17 tajaajila bishaan dhugaatii baadiyyaa fi boolli 11 ammoo dhiyeessii bishaan dhugaatii magaalaatiif kan oolan ta’uu dubbataniiru.

Dhaabbileen waliigalticha mallatteessan dafanii hojii keessa galuun rakkoo bishaan dhugaatii uummatichaa furuuf hojii hojjetamaa jiru milkeessuuf gahee irraa eegamu bahuu akka qabaniis Injiinar Abboomaan dhaamaniiru.

Waliigaltichi Dhaabbata Konistraakshinii Treedingii Soofumar, Dhaabbata Qotinsa Boolla Bishaanii Yoodit Machaal , Dhaabbata Ijaarsaa fi Qotinsa Boolla Bishaanii G6 fi Dhaabbata Qotiinsa Boolla Bishaanii Atlaas waliin mallattaa’eera.

Dhaabbileen waliigalticha mallatteessanis qulqullinaan hojjetanii yeroo waliigaltichaan qabametti xumuruuf xiyyeeffannaan kan hojjetan ta’uu OBN gabaaseera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment