Bidiruuwwan Poolisii hojjechiisuuf waliigalteerra ga’ame

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2016 (FBC)- Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa fi Koorporeeshiniin Indaastirii Injiinariingii Raayyaa Ittisaa Bidiruuwwan Poolisii hojjechiisuuf waliigalteerra ga’an.

Bu’uura waliigaltichaan bidiruuwwan koorporeeshinichaan hojjetaman, sadarkaa dizaayinii fi qulqullinaa idil addunyaan dorgomaa akka ta’an, biyyoota Xaaliyaanii fi Chaayinaan akkasumas dhaabbilee idil addunyaan gamaaggamamuun dizaayinii beekkamtii argate ta’uun eerameera.

Bidiruuwwan kunneen biyya keessatti hojjetamuun ce’umsa teeknooloojii biyyattiin eegaltee kan saffisiisuu fi tajaajila hojii nageenya Poolisii Federalaa daran kan ammayyeessuu akkasumaas waliingahiinsa jiru kan guddisu ta’uun ibsameera.

Bidiruuwwan kunneen eegumsa nageenya qaamolee bishaanii kanneen akka Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa fi yaa’iinsa tuuristii daran dabaluuf gumaachaa olaanaa akka qabu eeramuu ragaan Poolisii Federalaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment