Bidiruun namoota 90 ol feetee imalaa turte Galaana Meeditraaniyaanii keessatti dhidhimte

Finfinnee, Bitootessa 26, 2014 (FBC) – Bidiruun godaantota 90 ol feetee imalaa turte Galaana Meeditraaniyaanii keessatti dhidhimuun dhaga’ame.

Bidiruttiin godaantota Liibiyaarraa gara Awurooppaatti imalchiisaa osoo jirtu Galaana Meeditraaniyaa keessatti dhidhimuu ishee gabaafameera.

Godaantonni Afrikaa gama Galaana Meeditraaniyaaniin gara Awurooppaatti ce’uuf Liibiyaa akka ka’umsaatti fayyadamu.

Haa ta’u malee imala kanaan hedduun dhiyaana galaanaa ta’anii kan hafan ta’uu ragaaleen garaagaraa ni mul’isu.

Bara faranjootaa baatii Amajjii 1 hanaga Bitooteessa 28tti godaantonni 300 ta’an Galaana Meedtiraaniyaanii keessatti dhidhimuun lubbuun isaanii darbuu Dhaabbanni Godaansa Idil Addunyaa beeksiseera.

Bara darbe godaantonni kuma 1 fi 553 imala kanaan lubbuun isanii darbuu dhaabbatichi yaadachiiseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment