Bidiruun namoota 200 feetee imalaa turte Odola Kaanaariitti achi buuteen ishee dhabame

Finfinnee, Adoolessa 3, 2015 (FBC) – Bidiruun namoota 200 feetee gara Ispeenitti imalaa turte Odola Kaanaariitti achi buuteen ishee dhabamuu ibsameera.

Hojiin barbaachaa itti fufuu hojjettoonni lubbuu baraartootaa Ispeen beeksisaniiru.

Bidiruun Kibba Seeneegaalii ka’uun gara Odola Kaanaariitti imalaa turte kun daa’immaan dabalatee lammiilee 200 feetee imala eegaluu BBCn gabaaseera.

Kana duras Bidiruuwwan 2 naannawaa kanatti achi buuteen isaanii dhabamuu ibsameera.

Bidirittiin bara Faranjootaa Waxabajii 27, 2023 Seeneegaalii ka’uun gara Ispeenitti imala eegaluu ishee himameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment