Bidiruun Galaanaa Meediteeriyaanii keessatti dhidhimte lubbuu namoota hedduu galaafachuu hin oolle jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2015 (FBC) – Bidiruun Godaantoota feetee imaalaa turte Galaanaa Meediteeriyaanii keessatti dhidhimuun lubbuu namoota hedduu galaafachuu hin oolle jedhameera.

Balaan tibbana Girikitti qaqqabe lakkoofsa ibsame caaluu akka danda’u dubbatamaa jira.

Guyyoota muraasaan dura Bidiruun godaantoota feetee imalaa turte dhidhimuun lubbuun namoota 79 galaafachuun gabaafamuun kan yaadatamuudha.

Balaan Baha Giriki Galaanaa Meediteeriyaanitti qaqqabe dubartootaa fi Daa’immaan dabalatee lubbuu namoota hedduu galaafachuu hin oolle jedhame.

Balaan kun balaa giddu gala galaana Meediteeriyaatti qaqqabaa ture keessaa isa olaanaa ta’uu akka danda’u dubbatamaa jira.

Balicharraa carraan namoonni lubbuun argamuu daraan gadi aanaa ta’uu Ajajaan Eegumsa Galaana Qarqara Girik Niikoos ibsaniiru.

Bidiruun tun daa’amman 40 dabalatee namoota 700- 750 feetee imalaa turuu Dhaabbanni Godaantootaa Idil Addunyaa gaaffiif deebii namoota lubbuun hafan waliin taasiiseen ibseera.

Dhaabbanni Gargaarsa Daa’immaanii Addunyaa gama isaan daa’immaan Bidirittii keessa turan 100tti kan hiiqan ta’uu ibsuu Al Jaziiraan gabaaseera.

Comments (0)
Add Comment