BHGO Horsiisee bultoota Godina Harargee Bahaaf deeggarsa midhaan nyaataa taasiise

Finfinnee, Hagayya 19, 2014 (FBC) – Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa Godina Harargee Bahaatti, horsiisee bultoota Aanaa Mayyuu Mulluqqee hongeen miidhamaniif, midhaan nyaataa kuntaala 800 deeggarsa taasiseera.

Baankichi deeggarsa kana bakka Abbootiin Gadaa, Abbootiin Amantaa, jarsooliin biyyaa fi hoggansi aanichaa argamanitti walharkaa fuudhiinsa taasiseera.

Rakkoo hawaasa hongeen miidhamee furuuf, baankichi fuuldurattis deeggarsa barbaachisu taasiisuu kan itti fufu ta’uu ibseera.

Bankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa bara kana qofa hawaasa Godinaalee Oromiyaa garagaraatti hongeen miidhamaniif; Birrii miiliyoona 70 baasii gochuun, deeggarsa midhaan nyaataa taasiisuu OBN gabaaseera.

Odeefannoo dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment