Beenishaanguul Guumzitti hojiileen invastimantii bu’a qabeeyyii ta’aa jiru jedhame

Finfinnee, Hagayya 18, 2012 (FBC) – Abbootiin qabeenyaa naannoo Beenishaanguul Guumzitti hojiilee invastimantiirratti bobba’an bu’a qabeeyyii ta’aa jiru jedhame.
 
Abbootiin qabeenyaa naannoo Beenishaanguul Guumzitti hojiilee invastimantiirratti bobba’an bu’a qabeeyyii ta’uu eegalaniiru jedhan preezdaantiin naannichaa obbo Ashaadlii Hasan.
 
Obbo Ashaadlii Hasanii fi preezdaantiin naannoo Amaaraa obbo Tamasgeen Xiruunah Beenishaanguul Guumz aanaa Gubaatti saliixii fi shaatara obbo Balaaynah Kindeen misoomsaa ajiran daawwataniiru.
 
Abbaan qabeenyaa kun baatii lama duraa eegalee qonna shaatara lafa heektaara 150 fi saliixii heektaara 250 irratti misoomsaa jiru.
 
Oomishichi warshaa zayitii Bureerratti ijaarrameef kan oolu ta’a jedhameera.
 
Yeroo itti aanutti heektaara kuma 13 ol irratti misoomsuuf karoora qabacahuu sooressichi eeraniiru.
 
Obbo Ashaadlii Hasan hojiin misoomaa abbootii qabeenyaa jijjiirramaa as bu’a qabeessa ta’uu eeraniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment