Beenishaanguul Gumuzitti qaamoleen Hidhannoon socho’aa turan hojii misoomarratti bobba’uuf ta’uu himame

Finfinnee, Eebila 29, 2014 (FBC) – Naannoo Beenishaanguul Gumuzitti qaamoleen Hidhannoon socho’aa turan kumni 1 ol hojii misoomarratti bobba’uuf ta’uu himameera.

Hidhattoonni karaa nagaan hawaasatti makaman Godina Matakkal Magaalaa Galgal Balasitti leenjii haaromsaa akka fudhatan taasiifamuu himaniiru.

Hidhattoonni kunneen nageenya filachuun gara hawaasatti makamuun murtoo seenaa qabeessa ta’uu itti aanaan Preezdaantii naannoo Beenishaanguul Gumuuz obbo Geetahuun Abdiisaan eeraniiru.

Hidhattoonni aanaalee Daangurii fi Maandhuraa keessaa walitti babba’uun waggootaaf bosona keessa turan kumni tokkoo ol waamicha nageenyaa fudhachuun karaa nagaan gara hawaasatti makamuun murannoo nageenyaaf qaban agarsiisa jedhan.

Naannichis hidhattoota kanneen hojiilee garaagaraarratti bobbaasuuf qophii ta’uu obbo Geetahuun eeraniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment