Finfinnee, Sadaasa 12, 2017 (FBC) – Naannoo Beenishaanguul Gumuzitti hojiileen misoomaa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiran kan jajjabeeffaman ta’uu Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahiin ibsan.
Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Baadhaadhinaa fi Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa sirna Demokiraasii Obbo Adam Faaraahiin Naannoo Beenishaanguul Gumuzitti hojiilee misoomaa daawwataniiru.
Jijjiirama biyyaalessaa hordofee naannolee biyyattii hunda keessatti hojiileen misoomaa fayyadamummaa lammiileerratti xiyyeeffatan hojjetamaa jiraachuu Obbo Adam Faaraahiin himaniiru.
Hojiileen kunneenis guddina diinagdee galmeessuuf kan dandeessisan ta’uu himaniiru.
Hojiileen misoomaa kunneen wabii nyaataa mirkaneessurra darbee carraa hojii uumuuf qooda olaanaa qabaachuu kaasuu ragaan Kominikeeshinii naannicharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia