Beenishaangul Gumuzitti guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoonni 7.7 dhaabbachuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 14, 2014(FBC)- Naannoo Beenishaangul Gumuzitti guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoonni 7.7 dhaabamuu Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa naannichaa beeksise.

Biirichatti Ittaanaan damee qabeenya uumamaa obbo Baqqalaa Anbassaa ibsa laataniin, naannichatti guyyaa har’aa duula guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 7.5 dhaabuuf karoorfamee biqiltuun miiliyoonni 7 fi kumni dhibbi 7 fi kumni 68 fi 991 dhaabbachuu eeraniiru.

Biqiltuun kun lafa heektaara kuma 7 fi 200 irratti dhaabbachuu ibsuun, saganticharratti namoonni  kumni dhibbi 1 fi kumni 74 fi 390 hirmaachuu kaasaniiru.

Hawaasni hirmaannaa ho’aa dhaabbii isaarratti akkuma taasise kunuunsa isaarrattis cimsee itti fufuu akka qabu ibsuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment