Beenishaangul Gumuzitti dandeettii oomishtummaa guddisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Qaammee 4, 2015 (FBC)- Damee indaastiriin hojiilee jalqabaman babal’isuun dandeettii oomishtummaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu Pireezidaantiin Naannoo Beenishaangul Gumuz Obbo Ashaadilii Haasan dubbatan.

Naannichatti guyyaan oomishtummaa, mata duree “Shamattummaarraa gara Oomishtummaatti” jedhuun sagantaalee garaagaraan kabajameera.

Obbo Ashaadilii Hasan dabalatee qondaaltonni naannichaa biroon dargaggoota waldaaleen gurmaa’uun oomisha daakuu, zayiitaa, saamunaa, dungoo fi kanneen biroorratti bobba’an daawwataniiru.

Oomishaaleen qonnaa fedhii hawaasa akka guutuu fi baay’ina indastiriiwan oomishaa dabaluuf akka hojjetamu himaniiru.

Kanaanis kanneen hojiitti seenaan cimsuutti dabalataan, indaastiriiwwan gara hojiitti galchuuf hirmaannaa taasisuun akka barbaachiisu dubbachuu ragaan kominikeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Kana malees, Naannoo Harariitti guyyicha sababeeffachuun dhaabbilee oomisha garaagaraarratti bobba’an qondaaltotaa naannichaan daawwatameera.

Afyaa’iin Mana Maree Naannichaa Obbo Sulxaan Abdusalaam akka jedhanitti, mootummaan dhaabbilee oomisharratti bobba’anii hojjechaa jiraniif xiyyeeffannaa addaa kennuun jajjabeessuuf hojiileen garaagaraa hojjetamuu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment