Beelli deebii tumsa idil addunyaa barbaada – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2017 (FBC) – Beelli deebii tumsa idil addunyaa kan barbaadu ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Konfiraansiin Addunyaa beelarraa bilisaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Qonna jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuu danda’u mirkaneessuun, wabii nyaataa mirkaneessuuf bu’ura ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Konfiraansicharratti haasawa taasiisaniin ibsaniiru.
Tarsiimoon waaraa wabii nyaataa tumsa kan barbaadu ta’uu eeraniiru.
Keessattuu qonnaan bultoota dubartootaaf tumsa taasiisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Beela addunyaarraa baleessuun murannoo siyaasaa kan barbaadu ta’uu Daayrektarri Olaanaan Dhaabbata Misooma Indaastirii Mootummoota Gamtoomanii Gardi Mulaar ibsaniiru.
Biyyoonni guddatan beela balleessuuf waadaa kana dura galan eeguu akka qaban gaafataniiru.
Waggoottaan kurnaan itti aanaan beela guutuu addunyaarraa balleessuuf Doolaarri biiliyoonni 50 kan barbaachisu ta’uu Gardi Mulaar ibsaniiru.
Kanaafis biyyoonni addunyaa, dhaabbileen deeggartootaa fi qooda fudhattoonni hundi hirmaachuu qabu jedhan.

Misikkir Sinaafiqii fi Ashaannaafii Shibbiruutu gabaase.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment