Beeljiyeemitti Imbaasiin Ityoophiyaa sagantaa Buna beeksisuu qopheesse

Finfinnee, Sadaasa 18, 2013 (FBC) – Beeljiyeemitti Imbaasiin Ityoophiyaa sagantaa Buna beeksisuu qopheesse.

Sagantaan ‘Buna Ityoophiyaa Beeljiyeemii fi Luukzambargitti beeksisuu’ mata duree jedhuun qophaa’e dhaabbileen Beeljiyeemii fi Luukzambargi Buna Ityoophiyaa baayy’inaan akka bitaanii fi aadaa Bunaa Ityoophiyaa beeksisuuf faayidaa olaanaa qaba jedhame.

Marii Viidiyoo Konfaransiin gaggeeffame irratti kan hirmaatan Ministir deettaan Ministeera Dhimma Alaa aadde Tsiyoon Takluun, Beeljiyeem biyyoota Buna Ityoophiyaa baayy’inaan bitan keessaa sadarkaa 5ffaarratti argamti jedhan.

Dhaabbileen Beeljiyeemii fi Luukzambargi Buna Ityoophiyaa bituu cinaatti oomisha, Indaastirii fi damee misooma bunaa biroorratti bobba’uun akka hojjetan waamichi dhiyaateera.

Daayreektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shayii Ityoophiyaa Dooktar Addunyaa Dabalaan gama isaaniin, haala gabaa Bunaa ilaalchisuun hirmaatootaaf ibsa taasiisuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

 

 

Comments (0)
Add Comment