Finfinnee, Onkololeessa 28, 2017 (FBC) – Beela dhabamsiisuuf tattaaffii taasiifamu akka Itiyoophiyaa imaammataan tumsuun barbaachisaa ta’uu Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon ibsan.
Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon Konfiraansii Addunyaa beelarraa bilisaa Finfinneetti gaggeeffamaa jirurratti argamuun haasawa taasisaniin tattaaffii Itiyoophiyaan beela dhabamsiisuuf taasisaa jirtu dinqiisiifataniiru.
Beela Addunyaarraa dhabamsiisuuf tattaaffii taasifamu akka Itiyoophiyaa imaammataan tumsuun murteessaa ta’uu eeraniiru.
Pireezidaantiin Seraaliyoon Juuliyees Maadaa Baayoon, Ministirri Muummee Rippaablika Giinii Amaaduu Uurii Baahi, Duraa Taa’aa Itti Aanaan Komishinii Diinagdee Gamtaa Afrikaa Mooniik Naasaanaabaangaawaa, Ministir Deetaan Ministira Dhimma Alaa Emireetoota Araba Gamtoomanii Sheek Shaakboot Biin Naahiyaan Konfiraansicharratti hirmaachaa kan jiran yoo ta’uu, Pireezidaantiin Biraaziil Luulaa Daasiilvaan ammoo Interneetiin ergaa dabarsaniiru.
Misikkir Sinaafiqii fi Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.